Barbaaduu

Wabii nyaataa mirkaneessuuf qorannoodhaan deegaramuun barbaachisaadha – Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa

Nov 20, 2025

Wabii nyaataa mirkaneessuuf qorannoodhaan deegaramuun barbaachisaadha – Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa

***********************************

 

Wabii nyaataa mirkaneessuuf qorannoodhaan deegaramuun gosawwan sanyii fooyya’an misoomsuun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu Inistiitiyuutiin  Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa beeksise.

Daariktarri ol’aanaa Inistiitiyuutichaa Pirofeesar Nugusee Dachaasaa, Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonna Itoophiyaa omishaa fi omishtummaa dabaluuf hojiiwwan qorannoo milkaahaa ta’an hojjecha jira jedhan.

Itoophiyaan dilbii uummamaa fi qabeenya namaa qabdutti fayyadamuun, wabii nyaataa ishee mirkaneessuuf hojii hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Omisha gaarii argachuuf sanyii midhaan fooyya’aa fi qonna teeknooloojiin deeggarame hojiirra oolchuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Qorannoo sanyii midhaan nyaataa irratti qoratameen omishni callaa Xaafii dachaan dabaluu eeran.

Omisha Qamadiitiin lafa heektaara 1 irraa kuntaala 12 kan argamaa ture, ammaa gara kuntaala 36tti guddachuu himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun kanaan dura lafa heektaara 1 irraa Boqqolloo kuntaala 20 kan argamaa ture, ammaa kuntaala 45 argachuun akka danda’ame ibsan.

Akkasumas kanaan dura lafa heektaara 1 irraa Bunni kuntaala 8 kan argamaa ture, amma erga qorannoon sanyii fooyya’aa taasifamee as kuntaala 28 argachuun danda’ameera jedhan Pirofeesar Nuguseen.

Hojii Itoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa jirtu biyyoota birootiif akka muuxannootti kan oolu ta’uu eeran.

Inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa Itoophiyaa sanyii fooyya’aa qorachuun hojiin inni hojjechaa jiru milkaahina biyyi keenya wabii nyaataan of danda’uuf taasisaa jirtu keessatti shoora ol’aanaa bahachaa jedhaniiru.

Gara fuula duraattis omishaa fi omishtummaan akka dabalu hojiin qorannoo fi qo’annoo sanyii fooyya’aa cimee kan itti fufu ta’uu himuu isaanii, odeeffannoon TOI irraa argame ni mul’isa.