Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Marii Federeeshinii walga’ii waloo irratti wayita dubbatan, Itoophiyaatti omishni midhaanii waggaatti omishamu bara jijjiiramaa kana keessa kuntaala biiliyoona 1.3 gaheera jedhan.
Omishni kun bara 2011 keessa kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 35 akka ture eeraniiru.
Daballiin omishaa kun wabii midhaan nyaataan of danda’uu mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dandeettii gabaa alaatiif dhiheessuuf qabnus kan cimsudha jedhan.
Milkaahina kanaaf babal’inni qonna jallisii keessattuu misooma Qamadii bonaa, qonna ammayyaa fi kilaastaraa, dhiheessi sanyii filatamaa fi Xaa'oo shoora guddaa qabaachuu himan.
Kana malees, inisheetiviiwwan Ashaaraa Magariisaa fi Maaddii Guutuu, gumaacha ogeessotaa fi kutannoon qonnaan bultoota adda duree omishni guddaan akka galmeeffamu taasiseera jedhan.
Guddinni damee qonnaa kun jijjiirama dinagdee guddaa fiduun wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora ol’aanaa qaba.