Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) tumsa 'Itoophiyaa Invastimentii Holdiingsii fi Saam Piriishiyas Meetaals’ gidduutti taasifameen Zoonii Dinagdee Addaa Boolee Lamiitti kan ijaarame warshaa qulqulleessituu albuuda gatii jabeessa biyyaaleessaa har'a eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.

Ministirri Muummee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa qoodaniin, warshaan qulqulleessituu Albuda gatii jabeessaa kun waggaatti Albuuda gatii jabeessa toonii 600 ol qulqulleessuu danda’a.
Kun ammoo omisha biyya keessaa irratti gatii dabaluuf, damee Albuudaa Itoophiyaa cimsuu fi biyya keenya gama Albuuda gatii jabeessa qulqulleessuutiin wiirtuu nanannoo gochuuf imala jalqabameef boqonnaa guddaadha jedhaniiru.

Karoorri kun qabeenya keenya dandeettii indaastirii waliin walitti hidhuudhaan galii daldala alaa guddisuuf, carraa hojii ogummaa uumuuf, indaastirii faayaa deeggaruuf, akkasumas caasaa gatii Warqii caalaatti mul'ataa fi dorgomaa ta'e ijaaruuf kutannoo Mootummaa Ida'amuu kan agarsiisudha jedhan.

Akkaataa Albuuda baasuu irraa gara cehumsa indaastiriitti biyya keenya keessatti gatii o’laanaa uumaa jiraachuus eeraniiru.