Barbaaduu

“Inistiitiyuutiin Meetiworooloojii Itoophiyaa Humna Misooma Biyyaatiif Murteessaadha” – Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Oct 13, 2026

 

 

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) tajaajila raaga qilleensaa Inistitiyuutiin Meetiworooloojii Itoophiyaa kennaa jiru daawwachuu isaanii beeksisan.



Inistiitiyuutichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan humna misooma biyyaatiif hojiiwwan murteessaa ta'an kan hojjechaa jiruu fi umurii bara dheeraa kan qabu ta'uu eeraniiru.



Daawwannaa kanaan haalaa fi amala jijjiirama qilleensaa ilaalchisee deebii kennuudha
an humna biyyaa cimsuuf odeeffannoo Meetiworooloojii funaanuun, qorannoo saayinsaawaa fi guddinni teeknooloojii faayidaa ol’aanaa kan qaban ta'uu mirkaneessuu isaanii ibsaniiru.



Akkasumas, dhaabbilee akka Inistiitiyuutii Meetiworooloojii Itoophiyaa cimsuun baay'ee barbaachisaa ta'uu eeranii; dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaanii, fayyaa, Aviyeeshinii fi hoggansa yaaddoo balaa fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teeknooloojii ammayyaa fi misooma bu'uuraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojjechuun murteessaa ta'uu dubbataniiru.


Keessattuu balaawwan dursanii tilmaamuu fi sirna dursanii akeekkachiisuutti fayyadamuun lubbuu baraaruu, qabeenya kunuunsuu fi murtii fooyya'aa kennuuf kan gargaaru ta'uu hubachiisaniiru.


Hojiin kun Saatalaayitii ilaaluu bira darbee, buufatawwan funaansa odeeffannoo fi giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irratti kan hundaa'e ta'uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.