Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) tarkaanfiin Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa to’achuuf fudhattu imaammata dinagdee ishee isa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Yaadama Ida’amuutiin kan durfamtu Itoophiyaan furmaatawwan jijjiirama haala qilleensaa waliin walsiman bal’inaan babal’isaa jirti jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) .
Ministirri Muummee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, simannaa ho’aa Mootummaa fi uummata Turkiyyee taasiseef, akkasumas adeemsa marii kana kan hoogganaa jirtu Awustiraaliyaaf galata guddaa qaban ibsaniiru.
Tarkaanfiin Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa to’achuuf fudhattu imaammata dinagdee ishee isa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Kunis jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuu, dandeettii dandamachuu cimsuu fi bu’aawwan misoomaa galmaa’an itti fufiinsa akka qabaatan taasisuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Yaadama Ida’amuutiin durfamnee, sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti hanga ammaatti biqiltuu biiliyoona 56 ol dhaabuu kaasanii, haaluma walfakkaatuun misooma anniisaa haaromfamuu danda’u, ijaarsa magaalota itti fufiinsa qaban, akkasumas furmaatawwan jijjiirama qilleensaa waliin walsiman bal’inaan babal’isaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa waadaa qofa osoo hin taane, gara tarkaanfiiwwan qabatamaa ariifataa ta’aniitti ce’uun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Kunis maallaqa deeggarsa jijjiirama qilleensaa salphaatti argamuu danda’u mirkaneessuu, sirna akeekkachiisa duraa caalaatti cimaa diriirsuu fi hawaasa saaxilamoo ta’an dandeettii dandamachuu akka cimsatan invastimantii guddaa taasisuun hojiirra ooluu qaba jedhaniiru.
Itoophiyaan itti gaafatamummaa Pirezidaantummaa COP32 yeroo fudhattu, dhimmoota dursa kennamuufii qaban kanneen dursee kan hooggantu ta’uu ibsanii, bu’aa milkaa’aa galmeessuuf Pirezidaantummaa COP31 waliin dhiyeenyaan fi tumsa irratti hundaa’uun kan hojjettu ta’uu dubbataniiru.
Dabalataanis, guutummaa addunyaa yaa’ii COP32 irratti hirmaachuuf gara Itoophiyaa, biyya seenaa durii qabduutti simachuuf qophiidha jedhaniiru.