Barbaaduu

Jilli Mootummoota Gamtoomanii hoggantoota bulchiinsa Imaanaa naannoo Tigraay waliin mari’achaa jira

Nov 17, 2026

Jilli Mootummoota Gamtoomanii fi Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa hoggantoota bulchiinsa Imaanaa naannoo Tigraay waliin magaalaa Maqaleetti mari’achaa jiru.
Hojii Raawwachiiftota Olaanoo Bulchiinsa Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay , kantiibaan magaalaa Maqalee fi hoggantoonni olaanoon biroo maricharratti argamaniiru.
Daawwannaa har’aa eegalee guyyoota lamaaf naannichatti gaggeeffamuun jilichi abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka buutoota dhaabbilee hawaasa siiviilii waliin ni mari’atuun eegama.
Dhiyeessii deeggarsa namoomaa, buqqaatoota deebisaanii dhaabuu, hidhattoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu fi deebisanii dhaabuuf adeemsa jiru, akkasumas dhimmoota haala nageenyaa naannichaarratti mariin ni taasifama.