Biyyi keenya qonna garaagaraaf haala uumamaa mijataa ta’e qabaattus, qabeenya kana gara humna dinagdeetti jijjiiruun jireenya lammiilee fooyyessuu irratti hanqinni guddaan tureera. Kunis biyyattiin oomishaalee hedduu alaa galchuun hirkattummaa dinagdee keessa akka turtu taasiseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa barii jijjiirama irraa eegalee humna qabeenya uumamaa jiru kana hubachuun inisheetivoota qonnaa adda addaa bocuun hojiirra oolchee jira .
Inisheetivoota hojiirra oolanii milkaa'ina argamsiisaa jiran keessaa misoomni jirbii tokko yoo ta’u, oomisha jirbii guddisuun galtee warshaalee biyya keessaa mirkaneessuu, carraa hojii uumuu, galii qonnaan bulaa guddisuu fi oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf hojjatamaa jira.
Karoora misooma Jibriitiin qabame kana milkeessuuf, Aanaa Fantaallee Ganda Galchaatti Inisheetiviin Jirbii misoomaa jiru sadarkaa gaariirratti argama.
Madda-Tajaajila komunikeeshinii Oromiyaa