Barbaaduu

Godina Kibba Oromiyaa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa jira

Nov 18, 2026

Naannoo Oromiyaa Godina Kibba Oromiyaatti, aanaalee garaagaraa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa jiraachuun ibsame.
Akka odeeffannoon tajaajila komnikeeshini Oromiyaa agarsiisutti, godina Kibba Oromiyaa aanaalee garaagaraa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa kan jiran ta’u, Finni Dasee Goraa aanaa Gomaleetti hojjatame isa tokko.
Pirojektichi qarshii walakkaa biiliyoonaa oliin kan ijaaramee fi bishaan meetir kuubii miliyoona 22.6 ol kan qabatu yoo ta'u, lafa hektaara 1,700 ol misoomsuun abbootii warraa 3,400 ol fayyadamaa taasiseera.
Pirojektiin Finnaa qabeenya bishaanii jiru gara oomishaatti jijjiiree wabii nyaataa mirkaneessuun hirkattummaa hir'isuu fi badhaadhina hawaasa horsiisee bulaa dhugoomsuuf shoora murteessaa qabachaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun wabii nyaataa mirkaneessuuf pirojektoota jallisii gurguddoo godinaalee naannichaa keessatti babal'isaa akka jiru ni beekama.