Itoophiyaan guddina diinagdee ariifataa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf imaammataa fi tarsiimoo jijjiiramaa hojiirra oolchaa jirti. Imala fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa kana keessatti boqonnaa murteessaa kan banan pirojektoonni gurguddoon (meegaa pirojektoonni) shan saffisa olaanaadhaan ijaaramaa jiru.
Pirojektoonni kunneenis Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, Warshaa Xaa’oo Goodee, Hidha Maddisiisaa Humna Elektirikaa Kooyishaa, Daandii Baaburaa Awaash–Waldiyaa–Hara Gabaayaa fi Warshaa Calallii Boba’aa Goodee yoo ta’an, baajata waliigalaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 22 ol ramadameefii jira.
Pirojektoonni kunneen dameewwan aviyeeshinii, keemikaalaa, anniisaa qulqulluu fi geejjibaa keessatti bu’uura diinagdee itti fufiinsa qabu ijaaruuf kan karoorfamanidha.
Pirojektoonni gurguddoon qaama riifoormii diinagdee biyya keessaa mootummaa Ida’amuu ta’an kunniin yommuu xumuraman jijjiirama qabatamaa diinagdee gooroo irratti ni fidu.
Keessattuu, oomishaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuudhaan hanqina sharafa alaa salphisuu fi Itoophiyaa wiirtuu al-ergii naannawaa taasisuu keessatti gaheen isaan qaban baay’ee olaanaadha. Milkaa’ina ijaarsa pirojektoota kanaatiifis invastimantii aksiyoonaa, wabii liqii al-ergii fi qindoomina maallaqaa qaamolee hedduu irratti hundaa’uun akka hojjetaman xiyyeeffannoon addaa kennameera.
Walumaagalatti, hojiirra oolmaan pirojektoota gurguddoo shanan kanaa dorgomtummaa Itoophiyaa sadarkaa naannoo fi idil-addunyaatti cimsuun carraa hojii bal’aa uumuuf shoora olaanaa qaba. Hirmaannaa fi qindoomina qaamolee dhimmi ilaallatu hundaan yeroo qabameef keessatti xumuramuun isaanii, mul’ata badhaadhina biyyaalessaa dhugoomsuu keessatti utubaa cimaa ta’anii tajaajilu.