Barbaaduu

Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa Maqalee dhaqan

Nov 17, 2026

Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa daawwannaa hojiif Magaalaa Maqalee dhaqaniiru.
Yeroo jilli kun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Aluulaa Aba Nagaa ga’u, hoggantoonni olaanoon Bulchiinsa Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay fi kantiibaan magaalaa Maqalee Shiishaay Amaaree (PhD) akkasumas hoggantoonni olaanoon bulchiinsichaa biroon simataniiru.
Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii har’a, Sadaasa 8 irraa eegalee, guyyoota lamaaf magaalaa Maqalee keessatti daawwannaa hojii ni gaggeessu.
Daawwannaa isaanii keessatti hoggantoota olaanoo bulchiinsa yeroo mootummaa naannoo Tigraay, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka bu’oota hawaasa sivilii waliin akka mari’atan eegama.
Dhimmoota mariin irratti gaggeeffamu keessaa gargaarsa namoomaa, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an, adeemsa DDR, fi deebisanii dhaabuu, akkasumas dhimma nageenya naannichaatti.