Barbaaduu

Ifa Nagaa Naannoo Tigraayitti Mul’atee fi Abdii Misoomaa Dargaggootaa

Nov 18, 2026

Gaaffiin ariifachiisaan “Dargaggoonni Tigraay maal dhaban? Amma immoo maal argachuuf jiru?” jedhu yeroo ka’u, waggoota shantama darban keessatti siyaasaa fi waraanni garee seeraan alaa ABUT dhaloota naannichaa akkamitti gara rakkoo fi abdii kutannaatti geessaa akka ture duubatti deebinee ilaaluun barbaachisaadha.
Waggoota shantama darban keessatti, tarsiimoon siyaasaa fi humni waraanaa garee kanaa dargaggoota Tigraay aangoo isaa itti fufsiisuuf meeshaa siyaasaa taasisuun itti fayyadamaa tureera.
Dargaggoonni hedduun dirqamaan gara dirree waraanaatti ergamuun jireenyaa fi carraa egeree isaanii dhabaniiru. Kana malees, haala jireenyaa hamaa keessatti qonnaan bulaa ta’anii qotanii jiraachuu, oomishanii nyaachuu fi jireenya isaanii fooyyeffachuu hin dandeenye keessa akka seenan taasifamaniiru.
Yeroo rakkisaa kana keessatti, ABUT dargaggoonni Tigraay uummata Itoophiyaa akka diinaatti akka ilaalan gochuuf carraaqqii guddaa taasisus, dargaggoonni hedduun lubbuu isaanii baraaruu fi sodaa waraanaa jalaa ba’uuf gara kutaalee Itoophiyaa garaagaraatti baqachuu filataniiru.
Itaamajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Maqalee keessatti bakka bu’oota hawaasaa waliin marii taasisaniin akka yaadachiisanitti, dargaggoonni Tigraay hedduun garee kana irraa baqatanii gara kutaalee Itoophiyaa biroo keessatti baqataniiru.
Fiild Maarshaalichi dargaggoota Tigraayii fi ABUT wal bira qabuun yeroo ibsan, dargaggoonni gara kutaalee garaagaraa biyya isaanii Itoophiyaa deemuu filachuu, ABUT garuu yeroo mo’amu gara Asmaraa baqachuu isaa ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana, naannoo Tigraayitti haalli nageenyaa fooyya’aa dhufuu hordofee dargaggoonni badiinsa waraanaa irraa fagaachuun boqonnaa haaraa jireenya isaanii jalqabaa jiru.
Naannichatti adeemsi baruu fi barsiisuu nagaan jalqabuu, tajaajilli fayyaa deebi’ee socho’uu fi hojjettoonni mindaa isaanii argachuu jalqabuun dargaggootaaf ifa abdii haaraa banee jira.
Dargaggoonni Tigraay kaleessa lubbuu isaanii baraaruu fi waraana irraa miliquuf gara kutaalee Itoophiyaa garaagaraatti baqatan, har’a immoo dargaggoota biyyattii biroo waliin hiriiruun misooma, bu’uuraalee misoomaa fi teeknooloojii keessatti qooda fudhachuuf carraa haaraa argachaa jiru.
Kanaafuu, nageenyi bu’uura jireenyaa fi misoomaa waan ta’eef, dargaggoonni Tigraay carraa nageenyi isaaniif uumu fayyadamuun dandeettii fi ogummaa isaanii hojii irra oolchanii naannoo isaanii fi biyya isaanii misoomsu keessatti gahee isaanii bahachuun murteessaadha.