Barbaaduu

Ergaa Kantiibaa Adaanach Abeebee

Nov 17, 2026

Har’a Garee Baankii Addunyaa waliin hariiroo tumsa yeroo dheeraa qabnu caalaatti cimsuu fi gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf marii bu’a qabeessa taasisneerra.
Hanga ammaatti, dameewwan misoomaa ijoo kanneen akka babal’isuu fi fooyyessuu bu’uuraalee misoomaa dhiyeessii bishaanii magaalaa, ijaarsa dhaabbilee walitti qabuu fi qulqulleessuu dhangala’aa, geejjibaa fi dameewwan biroo keessatti deeggarsa Gareen Baankii Addunyaa nuuf taasiseef garaa guutuudhaan galateeffanna.
Fuuldurattis tumsa keenya babal’isuun, pirojektoota haaraa waliin qopheessuu fi hojiirra oolchuun misooma itti fufiinsa qabu magaalattii fi jireenya jiraattota keenyaa fooyyessuuf fi waliin hojjechuuf marii gaarii taasifneerra.