Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee yaa’ii COP31 cinaatti hojii raawwachiiftuu olaanaa faawundeeshinii fandii invastimantii daa’immanii Keet Hampiten waliin mari’ataniiru.
Kantiibaa Adaanach Abeebee ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, hojii raawwachiiftuu kana waliin marii bu’a qabeessa gaggeessuusaanii ibsaniiru.
Itoophiyaa COP32 waan qopheessituuf carraalee tumsaa, akkasumas qabiinsaa fi dhabamsiisa balfaa, sagantaa ashaaraa magariisaa, jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi tumsa magaalotaa cimsuurratti mariin taasifamuu dubbataniiru.
Misooma magaalaa egeree, magariisaa fi hammataa mirkaneessuuf tumsa qabnu gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun dhaloota har’aa fi boruuf magaalaa fooyyoftee fi egeree ijaaruuf kutannoon ni hojjenna jedhaniiru.