Barbaaduu

Ministirri dhimma alaa fi pirezidaantii COP32, Geediyoon Ximootiwoos (PhD) Pireezidaantii Baankii Invastimantii Misoomaa Eeshiyaa waliin mari’atan

Nov 11, 2026

Ministirri Dhimma alaa fi pirezidaantii COP32, Geediyoon Ximootiwoos (PhD) fi Ministirri Maallaqaa fi Qindeessituu Olaanaan Marii COP32 Fitsum Asaffaa (PhD) Pirezidaantii Baankii Invastimantii Misoomaa Eeshiyaa (AIIB) Zoo Jiyaay waliin mari’ataniiru.
Kaayyoon marichaas hojiilee tumsaa itti fufsiisuuf ta’uun ibsameera.
Deeggarsa maallaqaa ijaarsa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuuf taasisuuf marii kanaan dura eegalame itti fufsiisuuf, waggoota dheeraaf waliin hojjechuufi pirojektoota biroo bocuu irratti mari’ataniiru.
Akkasumas qopheessummaa Itiyoophiyaan kan gaggeeffamu COP32 deeggaruuf mari’ataniiru.