Barbaaduu

Itoophiyaan gahee ishee bahachaa jirti : addunyaan hoo yoom gara hojiitti seena?

Nov 12, 2026

Yeroo rakkoon jijjiirama qilleensaa addunyaaf yaaddoo gara fuulduraa ta’uu bira darbee qormaata jireenyaa dhaloota har’aa ta’e kanatti, Itoophiyaan jechaana qofa osoo hin taane tarkaanfiiwwan qabatamaa akka fudhatan ergaa cimaa waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti dabarsaa jirti.
Akka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) jedhanitti, “Fuulduratti gatiin rakkoo kanaa humna namaa ol akka hin taaneef gadi-lakkifama gaasota faalama qilleensaa saffisaan hir’isuun nu barbaachisa. Itoophiyaan gama isheetiin gahee ishee bahachaa jirti” jedhaniiru.
Ergaan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) kun hawaasa idil-addunyaatiif akeekkachiisa cimaa qofa osoo hin taane, kallattii furmaataa Itoophiyaan hojii qabatamaan mirkaneessaa jirtu kan agarsiisudha.
Jireenya dhaloota dhufu balaa hamaa jijjiirama haala qilleensaatiin dhufu irraa baraaruuf, addunyaan muuxannoo Itoophiyaa akka fakkeenyaatti fudhachuu qaba.
Har’a gadi-lakkifama gaasota faalama qilleensaa saffisaan hir’isuu dhabuun, boru hongee, lolaa, hanqina nyaataa fi manca’iinsa dinagdee keessatti gatii ilmaan namootaa dandamachuu hin dandeenye kaffalchiisa.
Biyyoonni guddatan guddina industirii isaanii saffisiisuuf gaasota faalama qilleensaa gadi-lakkisan yoo hin hir’isine, rakkoon jijjiirama qilleensaa daangaa biyyootaa osoo hin ilaalin addunyaa guutuu balaa keessaa hin baaneetti galcha.
Ergaan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) kun balaan kun akka hin mudanneef har'a tarkaanfii qabatamaa fudhachuu akka qabnu kan yaadachiisudha.
Itoophiyaan gaasota faalama qilleensaa jijjiirama ho’ina addunyaatiif gumaachitu baay’ee xiqqaa ta’us, rakkoo kana ittisuu keessatti biyyoota adda dureedhaan dursaa jiran keessaa tokko taatee argamti.
Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Addunyaa 32ffaa (COP32) keessummeessuuf yeroo qophaa’aa jirtu kanatti, ajandaan ijoo addunyaaf dhiyeessitu muuxannoo hojii qabatamaan mirkanaa’e kana ta’a.