Barbaaduu

Miseensonni Poolisii Magaalaa Maqalee Dhibbeentaa 80 Gara Hojii Idilee Isaaniitti Deebi’aniiru

Nov 12, 2026

Qajeelchi Poolisii Magaalaa Maqalee miseensota poolisii magaalattii waliin kallattii hojii fuulduraa irratti marii gaggeessaa jira.
Hogganaan ittisa yakkaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Maqalee, Itti Aanaa Komandaraa Muluu Abrahaa, akka ibsanitti, yeroo ammaa miseensonni poolisii Magaalaa Maqalee dhibbeentaa 80 ta’an gara hojii idilee isaaniitti deebi’aniiru.
Waltajjiin marii kun hawaasa waliin qindoominaan hojjechuun dandeettii ittisa yakkaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Miseensonni poolisii hawaasa waliin ta’uun yakka ittisuu fi nageenya hawaasaa mirkaneessuuf kutannoo agarsiisaa jiraachuu isaanii dinqisiifataniiru.
Waltajjii marii kanarratti Kantiibaan Magaalaa Maqalee Shiishaay Amaaree (PhD) dabalatee hoggantoonni bulchiinsa yeroo biroon argamaniiru.