Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu bu’uura seeraa kan qabuufi fedhii biyyaalessaa ta’uu Muummichi Ministeeraa Kootdiivwaar duraanii fi Pirezidaantiin Paartii Adda Durummaa Ummataa biyyattii Paaskaal Afiingeesaan ibsan.
Itoophiyaan haala teessuma ji’oograafii ishee, hariiroo seenaa qabduufi fedhii dinagdee guddachaa jiru bu’uura godhachuun, gara Galaana Diimaatti karaa waaraafi amanamaa ta’en argachuuf tattaaffii bal’aa taasisaa jirti.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD), Itoophiyaan Ulaa galaanaa irraa cufamtee hidhaa ji’oograafii keessatti itti fufuu akka hin dandeenye dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Kana jechuunis, Itoophiyaan gaaffiin ishee ulaa galaanaa deebii akka argatuuf karaa nagaa, dipilomaasii irratti hundaa’e hordofaa akka jirtu yeroo gara garaatti mirkaneessiteetti.
Ministerri Muummee Kootdiivwaar duraanii, Paaskaal Afiingeesaan, gaaffiin Itoophiyaa Ulaa galaanaa argachuuf qabdu beekamtii isaaf malu argachuu akka qabu ENAtti himaniiru.
Fedhiin Itoophiyaa mariifi waliigaltee irratti hundaa’uun, akkaataan naannichi fayyadamummaa waloo itti argatuun deebii argachuu akka qabu ibsaniiru.
Gaaffiin Itoophiyaa hulaa galaanaa argachuuf qabdu haala ji’oopolitiksii bal’aa fi carraa egeree waloo biyyoota Gaanfa Afrikaa waliin walqabsiisuun ilaalamuu akka qabuus kaasaniiru.
Fedhiin Itoophiyaa karaa hunda biratti fudhatama qabuun furmaata akka argatu amantaa isaanii ibsaniiru.
Kanaaf, dhimma kana irratti marii tasgabbaa’aa fi bu’a qabeessa ta’e gaggeessuun barbaachisaa ta’uu isaanii ibsanii, rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaan nageenya fi badhaadhina itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Afrikaan guddachuu kan dandeessu tokkummaan ta’uu, tokkummaan dhugaanis yaadaa fi qabeenya waliif qooduun ibsamuu akka qabu jechuun kaasaniiru.
Kanaaf, fedhiin Itoophiyaa Ulaa galaanaa argachuuf qabdu bu’uura yaada kanaatiin ilaalamuu akka qabu Paaskaal Afiingeesaan ibsaniiru.