Barbaaduu

Maayikiil Kaariik hojii leenjisummaa Maanchistar Yuunaayitid irraa gaggeeffaman

Nov 12, 2026

Maayikiil Kaariik hojii leenjisummaa kilaba Maanchistar Yuunaayitid irraa gaggeeffamuun ibsameera.
Baatii Amajjii 2026 keessa Ruubeen Amooriimiin bakka bu’uun hojii leenjisummaa kilabichaa kan fudhatan Maayikiil Kaarik hanga amma hojiirraa gaggeeffaman kanatti taphoota 32 Maanchistar Yuunaayitidiin dursuun kanneen keessaa 15 injifachuun, 8 qixa yoo xumuran, 9 ammoo injifatamaniiru.
Kaarik akkuma gara leenjisummaa Maanchistar Yuunaayitiditti dhufaniin taphoota jalqabaa 16 keessa 11 injifachuun, 3 qixa akkasuma 2 ammoo injifatamuun kilabichi sadarkaa 3ffaa Pirimeerliigii qabachuun gara boqonnaa tapha shaampiyoonsi liigii Awurooppaatti akka deebi’u taasisuun deeggartoota kilabichaa gammachiisanii turuun ni yaadatama.