Itoophiyaan Afrikaatti iddoo gahumsaa invastimantii adda duree ta’uuf qophaa’aa akka jiratu Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.
Itoophiyaan Bara baajataa darbe keessa Doolaarri Ameerikaa biiliyoona 11.2 al-ergii irraa akka argatee Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Aadde Yaasmiin Wahaabrabbiin ibsaniiru.
Galii waliigalaa al-ergii keessaa oomishaalee dheedhii fi zayitaa alatti argamanirraa galiin Doolaarri Miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 72.9 argamuu Aadde Yaasmiin Wahaabrabbiin himaniiru.
Kunis daldala galtee fi al-ergii Itoophiyaa, yaa’insa invastimantii kallattiin alaa fi dhimmoota kanaan walqabatan haala mijeessuuf bu’aa guddaa argamsiisuu isaa ibsaniiru.
Konfiraansiin Idil-addunyaa Midhaan Dheedhii fi Midhaan Zayitaa 15ffaan mata duree “Daldala dandamataa fi sonaalee cancala Itti fufaa Qabu” jedhuun, Godahambaa Saayinsii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Konfiransiin Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannaawaa fi Waldaa Al-ergii midhaan dheedhii fi Zayitaa Itoophiyaatiin qophaa’e kun Sdaasa 15 hanga 16/2019tti guyyoota lamaaf kan turu ta’uu ibsameera.
Oomishtoonni, ergitoonni, bittoonni idil addunyaa, dhaabbileen Faayinaansii, hoggantoonni mootummaa olaanoon , Ambaasaaddaroonnii fi qooda fudhattoonni biroo 600 ol Konfiraansicharratti hirmaachaa jiru.