Finfinnee: Wiirtuu Taateewwan Afrikaa fi Idil-Addunyaa!
Finfinneen Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa (CPHIA 2026) hirmaattonni kuma 30 ol irratti argaman milkaa’inaan keessummeessaa jirti.
Konfiraansiin guddaan kun dandeettii magaalattiin yaa’iiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf qabdu, qulqullina tajaajilaa fi aadaa keessummaa simannaa ishee irra deebi’ee kan mirkaneesse carraa guddaadha.
Hoteelonni, manneen nyaataa, bakkeewwan hawwata tuurizimii, geejjibaa fi dameewwan tajaajilaa magaalatti biroon aadaa, duudhaa fi keessummaa kabajuu Itoophiyaa agarsiisuun faayidaa diinagdee fi maqaa gaarii idil-addunyaa magaalattiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru.
Finfinneen jijjiiramuu qofa osoo hin taane, taateewwan gurguddoo Afrikaa fi addunyaa milkaa’inaan kan keessummeessitu waltajjii idil-addunyaa ardiichaa ta’aa jirti!