Barbaaduu

Inisheetiviin misooma dammaa jireenya qonnaan bulaa jijjiiraa jira

Nov 25, 2026

 

Naannoon Oromiyaa misooma dammaaf haala mijataa fi poteenshaala guddaa qabuus hanga yeroo dhiyootti xiyyeeffannaa osoo hin argatiin tureera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna naannichaa ceesisuun dinagdee maddisiisuu danda'u akka argamsiisuuf inisheetivoota qonnaa hojiirra oolchaa jiru

keessaa inisheetiviin misooma dammaa isa tokko yoo ta'u, hojii hanga ammaa hojjetameenis bu'aa qabatamaa jireenya qonnaan bulaa jijjiire galmaa'eera.

Godina Kibba Baha Oromiyaa, Aanaa Gobbaatti inisheetiivii misooma dammaa babal’isuu fi oomishtummaa guddisuuf gaagurri ammayyaa kuma 16 fi 800 qonnaan bultootaaf raabsameera.

Qonnaan bultoonni fi dargaggoonni misooma dammaarratti bobbo'an bu'aa qabatamaa argachaa jiru.