Barbaaduu

Qulqullinnii fi miidhaginni magariisaa Finfinnee magaalaa ammayyaa ijaaruu fi fayyaa hawaasaa eeguuf biyyoota Afriikaa biroof muuxannoo guddaa ta’uu hirmaattonni yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunaa 5ffaa ibsan.

Nov 25, 2026

 

Ministirri muummee Abiyyi Ahimad( PhD) yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunyaa 5ffaa (CPHIA 2026) Sadaasa 24 amma 18 bara 2019tti gaggeeffamu ifatti banuunsaanii ni beekama.

Yaa’ii Finfinnee wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamurratti namoonni biyyoota 100 ol irraa dhufan kuma 30 ol hirmaachaa jiru.

Yaa’iin Fayyaa Afriikaatti sadarkaa Ardiitti guddaa ta’e oolmaa guyyaa lammaffaa kaleessaatiin mata duree “qophaa’ummaa ardii, dandeettii ittisuu fi deebii kennuu dhaabbatummaa gochuu” jedhuun waltajjiin marii gaggeeffameera.

Hirmaattota keessaa Senegaalirraa kan dhufan Sheyik Siidiiyaa Gayee TOItti akka himanitti, yaa’ichi birmadummaa fayyaa hawaasaa ardichaa mirkaneessuuf dandeettii guddaa uuma.

Qulqullinni, miidhaginnii fi nageenyi daandilee Finfinne qalbii kan nama hawatu miidhagaa ta’uu ibsaniiru.

Biyyoota Afriikaa hedduu arguusaanii fi kan akka Finfinnee kan isaan raajeffachiise akka hin jirre, biyyoota Afriikaa biroof muuxannoo akka ta’u dubbataniiru.

Naayijeeriyaarraa kan dhufan Dr. Ruut Saaboo gamasaaniin, Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramuunshee bu’aa dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru.

Magaalattiin jijjiirama kanarra gahuusheef kutannoo agarsiisaniif ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi mootummaasaanii galateeffataniiru.

Misoomni magariisaa Finfinnee,tarkaanfiin imaammataa fi itti fayyadamnii fi akkaataan pilaastikni itti dhabamsiifamu fi bu’uraaleen misoomaa Itoophiyaan galmi haala qilleensaa idil addunyaa akka milkaa’u kutannooshee kan agarsiisudha jedhaniiru.

Bifni magaalaa Finfinnee nageenya teessuma lafaa magaalota Afriikaa hedduuf barumsa guddaa kan dabarsudha kan jedhan ammoo Naayijeeriyaarraa kan dhufan Dr.Efosa Ezam jedhamu.

Bakka qulqulluu jiraachuun jireenya fayyaa ummataaf gonfachiisuurra darbee hawaasni jireenya gaarii akka jiraatua, akka badhaahduu fi bu’aa fooyya’aa akka galmeessisu kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Ijaarsi magaalaa Finfinnee biyyoota Afriikaa biroof barumsa guddaa akka ta’u dubbataniiru.