Lammii dorgomaa, ofitti amanamummaa qabu, jaalala biyyaafi naamusa gaarii qabu horachuun guddina biyya tokkoo keessatti gahee olaanaa qaba. Kana milkeessuuf sirna barnootaa sirrii, haqa qabeessaafi dhaqqabamaa ta’e diriirsuun murteessaadha.
Biyya keenyatti sirni barnootaa hojiirra oolaa ture rakkoolee qulqullinaa, dhaqqabummaafi haqa qabeessummaa hedduu kan qabu ture. Kunis dhaloota beekumsaafi ogummaa gahaa qabu, sadarkaa biyyaafi addunyaatti dorgomaa ta’e horachuuf gufuu guddaa ta’uun cabiinsa sirna barnootaa hordofsiisee jira.cabiinsa sirna barnootaa biyya keenya muudate sirreessuun dhaloota egeree biyyaatiif bu’uura cimaa kaa’uufi dorgomaa ta'e horachuuf barii jijjiiramaa irraa kaasee mootummaan ida'amuu itti fufiinsaan sadarkaa hundatti hojii bal’aa hojjachaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas kaayyoo kana milkeessuuf damee barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojiilee garaagaraa raawwachaa kan jiru yoo ta'u, Keessumaa, bu’uuraalee misooma barnootaa babal’isuu, gahumsa barsiisotaa cimsuu, bulchiinsa barnootaa ammayyeessuu, sirna madaallii barattootaa fooyyessuufi istaandaardii manneen barnootaa ol kaasuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Akkasumas, sagantaa nyaata barattootaa babal’isuu, qulqullina manneen barnootaa fooyyessuufi teeknooloojii dijitaalaa barnoota keessatti fayyadamuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.Kanamalees,qulqullina barnootaa bu’uura irraa fooyyessuuf manneen barnootaa Bu’uura Boruu baay’inaafi qulqullinaan ijaaruu, meeshaalee barnootaa barbaachisoo guutuufi daa’imman abdii boruu ta’an naannoo barnootaa mijataa keessatti akka guddatan taasisuun xiyyeeffannoo argatee jira.
Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee hanga dhaabbilee barnoota olaanootti hojiin fooyya’iinsaa bal’aan gaggeeffamaa jira.Dhaloonni duudhaa, safuufi eenyummaa uummata Oromoo akka beeku, kabajuufi ittiin jiraatuufis barnoonni Sirna Gadaafi Safuu manneen barnootaa keessatti akka kennamu taasifamee jira.
Barnoonniifi leenjiin sadarkaa hundatti kennamu humna namaa gahumsa qabu horachuu, guddina dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa saffisiisu, akkasumas ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti shoora olaanaa akka qabaatuuf kutannoon hojii hojjatamaa jiru itti fufee jira.Kanaanis jijjiiramni cabiinsa sirna barnootaa keenya muudate
wal'aanuu danda'u kan mul'ateefi fooyya'insi qabxii barattootas yeroodhaa garaa yerootti fooyya'aa dhufee jira.
Walumaagalatti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota beekumsa,kalaqaafi ogummaadhaan sadarkaa hundatti dorgomaa ta’e, aadaafi eenyummaa isaa kabaju akkasumas,jaalala biyyaafi ofitti amanamummaa qabu horachuuf xiyyeeffannoo damee barnootaaf kenne cimsee kan itti fufu ta'a.TKO