Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti buufataalee boba’aa 15 argaman keessaa 12 gara hojiitti akka galan taasifamuu isaanii Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa magaalatti Obbo Tasfaay Girmaay ibsaniiru.
Magaalaa Maqalee keessatti taaksiiwwan uummataa 750 akka jiran ibsuun taaksiiwwan kunneen dursa dhiyeessii boba’aa akka argatanii fi tajaajila geejjibaa akka kennan taasifamuu himaniiru.
Tarkaanfiiwwan fudhataman kunneen tajaajilli geejjiba uummataa fi raabsiin boba’aa magaalattii akka itti fufuuf kan kaayyeffatan ta’uu ibsaniiru.
Gurgurtaan boba’aa kaffaltii dijitaalaa Telebirr qofaan akka raawwatamu qajeelfamni bahee hojii irra oolaa jira.
Kunis boba’aan dhiyaatu kaayyoo itti yaadameef qofarra akka oolu mirkaneessuu fi to’achuuf akka gargaaru ibsameera.
Fuuldurattis dhiyeessiin boba’aa akka addaan hin cinne fi hanqinni akka hin uumamneef mootummaa federaalaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu isaanii Obbo Tasfaay beeksisaniiru.