Barbaaduu

Atileet Tigisti Asaffaa:- Hirmaattota Maaraatoonii Barliin ‘BMW’ 52ffaa kuma 84 keessaa kan eegamtu

Sep 18, 2026

Dorgommiin Maaraatoonii Barliin ‘BMW’ 52ffaa Fulbaana 17 Jarman Magaalaa Barliinitti dorgomamu, biyyoota 162 irraa namoota kuma 84 ol hirmaachisuudhaan seenaa haaraa galmeessisuuf qophaahee jira.
Dorgommii Atileetiin Itoophiyaa Tigisti Asaffaa riikkardii addunyaa irra deebidhaan cabsuuf falmiin isheen gootu xiyyeeffannoo guddaa argateera.
Dabalataanis, Atileetiin Jarman Eestar Feefar sadarkaa pirofeshinaalaatiin yeroo jalqabaatiif hirmaachuudhaan riikkardii biyya ishee cabsuuf ni dorgomti.
Qopheessitoonni Maaraatoonii Barliin odeeffannoo dorgommichaa fi Atileetota beeksisu fuula 284 kan qabu barruulee dijitaalaa ifoomsuudhaan, dorgommiin bara kanaa daandiiwwan Barliin irratti ayyaana Ispoortii fi fiigicha addaa kan ta'u ta'uu eeraniiru.