Barbaaduu

Gaggeeffamaa Jira

Nov 23, 2026

Magaalaan guddittii dippilomaasii Afrikaa kan taate Finfinneen, Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa (CPHIA 2026) yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru keessummeessuun irra deebiin wiirtuu egeree Afrikaa taateetti.
Mata-duree “Nageenyaa fi Birmadummaa Fayyaa Afrikaa; Ce’umsa Hirkattummaa fi Saaxilamummaa Fayyaa Irraa Gara Abbummaa fi Dandamannaa” jedhuun, hoggantoonni biyyootaa fi mootummootaa, qondaaltonni olaanoon, ogeeyyiin fayyaa hawaasaa akkasumas keessummoonni affeeraman biroon mul’ata egeree fayyaa Afrikaa gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf Itoophiyaa biyya bu’uuraa taate keessatti walga’aniiru.