Dorgommii Piriimiyeer Liigii Ingiilaandi torbee 5ffaatiin Bireentifoordi fi Cheelsiin galgala kana sa'aatii 4:00 irratti Istaadiyeema Jiiteek Koominiitii (Gtech Community Stadium) taphatamu hawwiidhaan eegama.
Cheelsiin taphoota afur hanga ammaatti taphateen qabxii 7 walitti qabachuudhaan sadarkaa 6ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, Bireentifoordi ammoo qabxii 6n sadarkaa 7ffaa irra jira.
Taphoota shan dhihoo kana gareewwan lamaan waliin taphatan Cheelsiin taphoota lama yoo miidhamanis, taphoota sadi ammoo qabxii qooddataniiru.
Bireentifoordi taphoota afran dhihoo taphateen homaaniyyuu kan hin moo'amne yoo ta'u, tapha tokko moo'atee taphoota sadi ammoo qabxii wal qixaan xumureera.