Barbaaduu

Waancaan Afrikaa Gara Mana Isaatti Deebi’aa Jira

Oct 19, 2026

 

 

Gurraandhala bara 1968tti Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 10ffaa keessummeessiteetti.

Waggoota 51 booda, Itoophiyaan tapha guddaa kana deebite qopheessuuf gaaffi dhiheessitee, garee walabaatiin qophii ishee qorachiisaa jirti.


Waggoota 51 booda dinagdeen Itoophiyaa guddina ol’aanaa irratti kan argamu yoo ta'u, Istaadiyeemiin ammayyaa ijaaramaa fi kanneen jiran fooyya'aa jiru.

‘CAF’ dorgommiidhaaf Istaadiyeemota 6 kan gaafatu yoo ta’u, kanneen keessaa Istaadiyeemiin Adeey Abaabaa fi Baahir Daar deeggartoota kuma 50 ol qabachuu danda'an haala ammayyaatiin ijaarramaa jiran xumuramaa jiru.


Akkaasumas Istaadiyeemiin Aqaaqii Qaallittii, Jimmaa, Arbaaminci, Hawaasaa fi Dirree Dhawaa ulaagaa ‘CAF’ fi ‘FIFA’ guutuudhaan ijaaramaa jiru.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa (Ethiopian Airlines) miseensa 'Star Alliance' ta'ee, gahiinsawwan 62 oliif uummata Afrikaa fi addunyaa walitti fiduuf hojjechaa jira.


Dhiheessii hoteelaatiin magaalonni naannoo sadarkaa abbaa Urjii shanii ammayyaa qaban kan jiran yoo ta'u, tajaajilli intarneetii 5G babal’achaan jira.


Itoophiyaan yaa'ii gurguddoo addunyaa fi Afrikaa keessummeessuu irratti muuxannoo horatteetti.

Uummanni keenya kubbaa miillaa kan jaallatu fi keessummaa simachuuf amala gaarii kan qabuudha.


Mootummaan Ida'amuu Waancaa Afrikaa 37ffaa Itoophiyaa keessatti akka keessumeeffamu hojjechaa kan jiru yoo ta'u, Waancaan Afrikaa gara bakka itti hundaahe - gara mana isaa Itoophiyaatti deebi'uun isaa hin oolu.