Godina Kibba Lixa Oromiyaatti bara kana Loon kuma 600 fi kuma 50 ol mala Saayinsaawaatiin diqaalomsuuf hojjetamaa jira.
Qonnaan Bultoonnii hojiii qonnaa cinaatti Loona mala Saayinsaawaatiin diqaalomsamanitti fayyadamuun Aannan iirraa bu’aa gaarii argachaa jiru.
Godina Kibba Lixa Oromiyaatti Qonnaan Bultoonni aanaa Gachii Loon mala Saayinsaawaatiin diqaalomsamanirraa faayidaa guddaa argachaa akka jiranii fi fuulduraafis bu'aa caalu argachuuf hojjetaa akka jiran dubbataniiru.
Bulichaa Itti Aanaa fi Qindeessaan Damee Misoomaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Indaalkaachoo Tafarii, hawaasni faayidaa Loonirraa argachuu qabu qixaan akka argatu Mootummaan Ida'aamuu xiyyeeffannoodhaan hojjetaa akka jiru ibsaniiru.