Barbaaduu

“Bilisummaan Afrikaa qabsoo wareegamaatiin kan aargameedha; bilisummaa keenya gara carraa waaraatti jijjiiruu qabna” - Ministirra Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Oct 21, 2026

 

Bilisummaan Afrikaa wareegama goototaatiin kan argame waan ta’eef, bilisummaa abbootiin keenya nuu dabarsan kana gara carraa qabatamaatti jijjiiruudhaan dhaloota haaraa irraa kan eegamu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.

Ministirri Muummeen ayyaana Guyyaa Maashuujaa Keeniyaa, Eldoreetitti kabajame irratti ergaa qabsaahota bilisummaa Keeniyaa fi Injifannoo Adwaa Itoophiyaa walitti hidhuun, qabsoon adda ta’us mul’anni isaanii mul’ata tokko kan ture ta’uu eeraniiru.

Har'a gootota kan jedhaman qabsaawota bilisummaa qofa osoo hin taane barsiisotas, ogeessota fayyaa, artistoota, atileetota fi carraa hojii uumtota jedhaniiru.

Akkasumas Eldoreet magaalaa atileetotaa fi goototaa ta’uu eeruun, biyya ijaaruufis cimina, nagaa eeguu, dhaabbilee ijaaruu fi dargaggoota irratti abdii kaawwachuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Ministirri Muummee dargaggootaaf ergaa dabarsaniin, bilisummaan imaanaa ta’uu fi gara guddinaatti jijjiiruun gahee isaanii ta’uu eeranii, Itoophiyaan yeroo kamiyyuu Keeniyaa bira akka dhaabbattu mirkaneessaniiru.