Finfinneen wiirtuu Afrikaa taatullee, dhiphinni daandii, faalamni qilleensaa fi bakkeewwan magariisaan dhabamuun qormaata turan.
Amma garuu misooma Kooriidarii fi qarqara Lageeniitiin jijjiirama dinagdee fi hawaasummaa waaraa keessa jirti.
Hojiin magaalaa haaromsuu kun sirna dhangala’aa ammayyaa diriirsuudhaan xurii warshaa fi manaa, akkasumas dhibeewwan daddarboo ittisaa jira.
Daandiiwwan miillaa, Saayikilii fi mukeen dhaabaman faalama qilleensaa fi ho’a hir’isuudhaan qilleensa qulqulluu uumaniiru.
Pirojeektiin Misooma Laga Qarqaraa Inxooxxoo - Qabbanaa dandeettii ofiitiin kan raawwatame yoo ta’u, yaada Ida’amuu kan mul’isudha.
Lagni dheerina kiiloo meetira 10.5 qabu faalamaaf kan saaxilamee ture amma gara bakka boqonnaa qilleensa qulqulluutti jijjiirameera.
Heektaara 87.6 magariisaan uwwifamee biqiltuuwwan kuma 50ol dhaabaniiru.
Riqichawwan ammayyaa 21, bakkeewwan Ispoortii fi boqonnaa uumuun fayyaa sammuu fi qaamaa eegaa jira.
Suuqonni fi Kaafteeriyaawwan ijaaraman carraa hojii uumuudhaan Finfinnee wiirtuu tuuriizimii Afrikaa gochuu deeggara.
Walumaagalatti, misoomni Kooridarii fi Ashaaraan Magariisaa qulqullina jireenya lammiilee fooyyessuun dhaloota dhufuuf magaalaa guddoo, miidhagduu fi magariisa taate uumaa jira.
#MootummaaIda'amuu