Barbaaduu

Dippilomaasii Ida’amuu fi Sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti Boqonnaa Moo’ichaa Itoophiyaa

Oct 20, 2026

 

  

Itoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa fi wiirtuu dippilomaasii ta’uudhaan gahee ishee cimsitee itti fufsiisaa jirti.

Mootummaan Ida’amuu dippilomaasii hariiroo idilee irra gara bu’aa qabatamaa dinagdee, siyaasaa fi eegumsaatti ceesiseera.

Duudhaa "Dursa Ollaadhaaf" jedhuun Mootummaan Ida’amuu hariiroo ollaa waliinii siyaasa irra gara humna ibsaa, babal'ina daandii Baaburaa, Loojistiksii fi misooma Buufata Doonitti ceesiseera.

Gaaffiin Hulaa galaanaa Itoophiyaa mirga daldalaa bira darbee nageenya dinagdee fi walitti hidhamiinsa naannichaatiin kan walqabatu waan ta'eef, dhimma jiraachuu idil-addunyaatti mirkanaahedha.

Itoophiyaan miseensa guutuu ‘BRICS’ ta'uun Baankii Misooma Haaraa (NDB) irraa faayinaansii misooma bu'uura argachuuf, dhiibbaa sharafa alaa xiqqeessuu fi biyyoota Addunyaa Kibbaa 'Global South' waliin tumsa haaraa uumuuf ishee dandeessiseera.


Mootummaan Ida'amuu dippilomaasii keessatti faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu, ollaa waliin misoomuu fi ajandaa idil-addunyaa dursummaan hogganuu irratti milkaahina ol’aanaa mirkaneesseera.


Kuni immoo Itoophiyaan #BiyyaGuddoo, #UummataGuddaa fi #Mul'ataGuddaa kan qabdu ta'uu ishee agarsiisa.