Tarkaanfiiwwan haaromsa dinagdee Mootummaan Ida’amuu fudhate damee qonnaa aadaa irraa adda baasuudhaan ammayyeessaa jira.
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun dirqama biyyaalessaa yoo ta’u, waggoota darban keessa guddinni qabatamaan argameera.
Milkaahina kana keessaa inni guddaan omisha Qamadii jallisii bonaa fi gannaatiin galmaahedha.
Waggoota saddeet dura omishni Qamadii kuntaala miiliyoona 50 hin caalle, bara darbe kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 17tti guddateera.
Kunis qamadii biyya alaatii galchuu dhaabsisuun gara biyya alaatti erguuf dandeessiseera.
Milkaahina kana bu’uureffachuun xiyyeeffannoon omishaalee Ruuzii, Kuduraa, Midhaan Zayitaa fi beelladaa irratti babal’ateera.
Dhiheessiin Tiraaktarootaa Makaanaayizeeshinii saffisiiseera.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa fi pirojeektonni jallisii, qonnaan bultoonni rooba qofaan osoo hin taane yeroo kamiyyuu akka misoomsan taasiseera.
Walumaagalatti, bu’uuraalee jallisii babal’isuu fi Makaanaayizeeshinii guddisuun Itoophiyaa wabii nyaataa Afrikaa taasisuuf ulaa saaqeera.