Barbaaduu

“Sarara Uujummoo Boba’aa Jibuutii Diriirsuu Irraa Hanga Warshaa Qulqulleessituu Lamuu Keeniyaatti:- Furmaata Afrikaanotaa Itoophiyaan Yaadama Afrikaatiin Mul’iste

Oct 16, 2026

 

  

Itoophiyaan imala misoomaa gama hundaa saffisaan itti fufuudhaan, birmadummaa nyaataa, Asharaa Magariisaa, Ijaarsa Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichaa fi pirojeektota gurguddoo biroo dandeettii mataa isheetiin galmaan gahaa jirti.


Dippilomaasii misooma naannoo cimsachuudhaan, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Jibuutii Ismaa'eel Omar Giilee fi Alikoo Daangotee waliin ta’uudhaan, sarara uujummoo dabarsa boba’aa calalamaa haaraa Daamarjoog Jibuutii irraa hanga Itoophiyaa Dawaalleetti diriirfamu egalchiisaniiru.


Pirojeektiin tumsa ‘Itoophiyaa Invastimanti Hooldingisii’ fi Garee Daangoteetiin raawwatamu kun baasii fi harkifannaa loojistiksii hir’isuudhaan wabii Inarjii fi daldala biyyoota lamaanii ni cimsa.

Akkasumas, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimadii (PhD) fi Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waliin warshaa calaltuu boba'aa Lamuu egalchiisuun isaanii, guddina Indaastirii fi carraa hojii bal’aa uumuuf bu’uura kaaheera.


Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) abbootii qabeenyaa fi hoggantoota Indaastirii Afrikaa keessa jiraniif waamicha dhiheessaniin: "Egeree Afrikaa waliin ijaaruun itti gaafatamummaa waloo keenyati" jedhaniiru.

Hojiiwwan kunneen naannichaaf nagaa, walitti hidhamiinsa dinagdee fi tumsa Ida’amuu mirkaneessuuf shoora ol’aanaa qabu.