Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ayyaana biyyaalessaa Guyyaa Maashuujaa yookaan Guyyaa Goototaa Eldoreet, Keeniyaatti kabajame irratti argamuun hirmaattontaaf dabarsaniiru.
Ministirri Muummee gootota bilisummaa Keeniyaaf qabsaahanii fi birmadummaa biyyattiif wareegama qaalii kaffalaniif kabaja ol’aanaa qabaachuu waltajjicharratti ibsaniiru.
Seenaan gootummaa fi wareegama Keeniyaa, seenaa Adwaa kan uummanni Itoophiyaa kallattii hundaan tokkummaan ka'anii biyya isaanii ittiin eeggatan waliin haalaan kan wal-fakkaatu ta'uu ergaa isaaniitiin eeraniiru.
Seenaawwan waloomaa kunneen, “bilisummaan keenya kennaadhaan kan argame otoo hin taane, gootummaa, tokkummaa fi wareegamaan kan mirkanaa’e” ta’uu dubbataniiru.
Seenaan biyyoota lamaanii akkuma walitti hidhame, carraan fuuldura isaaniis akkasuma walitti hidhamuu akka qabu Ministirri Muummee hubachiisaniiru.
Yaadama Ida'amuutiin, Itoophiyaa fi Keeniyaan uummata isaaniitiif carraa bal’aa fi badhaadhina waloo uumuuf humna qulqulluu (Inarjiidhaan), walitti hidhamiinsa daandiitiin, teelekoomii fi daldalaan tumsa jiru caalaatti cimsuu akka qaban ibsaniiru.
Dhumarrattis, "Gootota har'a kabajaman hundaaf kabaja ol’aanaan dhiheessa. Baga Guyyaa Maashuujaa yookaan Guyyaa Goototaa nagaan geessan!" jedhaniiru.