Jiraachuu fi nageenya dhaabbata siyaasaa tokkoo jiraachuu uummataa fi biyyaa waliin walitti hidhuun ilaalcha bu’uura hin qabne, jal’aa fi balaa qabu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.
Ministirri Muummee turtii EBC Afaan Tigraay waliin taasisaniin, nageenya dhaabbata siyaasaa nageenya uummataa waliin walitti qabsiisuun jiraachuu uummataa kallattiidhaan balaaf kan saaxilu waan ta’eef fudhatama hinqabu jedhan.
ABBUT/TPLF dhaabbata waggoota 50 gahe ta’uu kan yaadachiisan Ministirri Muummee, uummanni Tigraay garuu waggoota kumaaf cichoominaan kan jiraatee fi fuuldurattis kan jiraatu ta’uu ibsaniiru.
ABBUT/TPLF waggoota 50 dura kan hin turree fi ammas seenaa ta’aa kan jiru ta’uu eeranii, hogganoonnii fi dhaabbileen siyaasaa ni ka’u, ni kufus; mootummoonnis ni jijjiiramu, uummannii fi biyyi garuu yeroo hundumaa cimanii itti fufu.