Barbaaduu

“ABBUT/TPLF faayidaa mataa isaa eegsifachuuf jecha uummata gara waraanaatti oofaa Ture” - Hayyoota

Oct 19, 2026

 

 

Ogeeyyiin seeraa fi Saayinsii Siyaasaa akka ibsanitti, gareen ABBUT/TPLF faayidaa mataa isaa eegsifachuuf jecha uummata Tigraay dararaa fi waraana ulfaataaf saaxilaa tureera.


Ogeessi Seeraa obbo Andu’alam akka dubbatanitti, gareen kun maqaa uummataatiin seeraan alaa qabeenya kuufachuun hoggantoonni isaa qabeenya walitti qabachaa fi ijoollee isaanii biyya alaatti yeroo barsiisan, uummanni Tigraay garuu misooma bu'uuraalee dhabee rakkoo keessa akka jiraatuuf itti murtaahee ture.

Gama biraatiin Xiinxalaan Saayinsii Siyaasaa obbo Hayilamaariyaam Yirgaa akka ibsanitti, ABBUT/TPLF hundeeffama irraa eegalee faayidaa uummataatiin olitti kaayyoo mataa isaaf dursa kenneera.

Aangoo qabachuun dura Shaabiyaa waliin turuu fi erga aangoo qabatees waggoota torbaaf waraana keessa tureera jedhan.

Dabalataanis, uummaticha guddina ammayyaa irraa addaan kutuun, Itoophiyaan warraaqsa indaastirii afraffaatti akka hin ceene taasisuu eeran.

Humnoonni alaa akka Ijiptis ABBUT/TPLF akka meeshaa diigumsaatti fayyadamuun guddina Itoophiyaa duubatti deebisuuf yaaluu himan.

Kanaafuu, uummanni Tigraay misooma dhabee dargaggoonni qawwee akka qabataniif taasifameera jedha.

Haa ta’u malee, mootummaan ammaa mala ogummaa qabuun uummata cunqursaa kana jalaa baraaruu fi qabeenya deebisuu qaba jedhaniiru.