Barbaaduu

Mul’ata irraa gara milkaahina qabatamaatti:- Egeree misooma Itoophiyaa

Oct 19, 2026

 

Itoophiyaan nagaa waaraa, birmadummaa fi guddina dinagdee lammilee giddugaleessa godhate mirkaneessuuf gara misooma haaraatti cehaa jirti.


Waggoottan dhufan keessa tokkummaa biyyaalessaa cimsuu, tasgabbii buusuu, omishtummaa guddisuu fi dandeettii dhaabbilee gabbisuun sadarkaa jireenya lammilee fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennameera.

Nagaan misooma bu’uura waan ta’eef, garaa garummaa siyaasaa mariin furuu fi qindeeffama mootummaa Federaalaa fi naannolee cimsun tasgabbiif tarkaanfii bu’uuraati.

Damee dinagdeetiin, fayyadamummaa irraa gara omishtummaatti cehuun, galteewwan qonnaa fi indaastirii biyya keessatti omishuu, akkasumas qabeenya uumamaa sirnaan misoomsuun hirkattummaa alaarraa bilisa baasuuf hojjetamaa jira.

Qulqullina barnoota, fayyaa, eegumsa hawaasummaa, teeknooloojii dijitalaa, bulchiinsa taaksii fi qabsoo malaanmaltummaa irratti xiyyeeffachuun murteessaadha.

Dabalataanis, hojiwwan gurguddoon Ashaaraa Magariisaa, misooma Kooriidarii, qonnaa fi misooma bu’uuraalee jalqabaman babal’isuun dandeettii humna misooma biyya keenyaa cimsaa jira.

Eegumsi naannoo, bifti magaalotaa fi walitti hidhamiinsi baadiyyaa fi magaalotaa sochii dinagdee saffisiiseera.

Mul’ata kana gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf raawwii pirojeektotaa saffisiisuu, iftoomina mirkaneessuu, hirmaannaa lammilee guddisuu fi dandeettii dhaabbilee nageenyaa cimsuun barbaachisaadha.