Barbaaduu

“Itoophiyaan humna namaa qabdu, oomisha qorichaa biyya keessaa, fayyaa dijitaalaa fi hubannoo nam-tolchee (AI) irratti invast gochuun sirna fayyaa Afrikaa hin jilbeeffannee fi of-danda’e ijaaruuf kutattuudha.” — Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Nov 23, 2026

Itoophiyaan humna namaa qabdu, oomisha qorichaa biyya keessaa, fayyaa dijitaalaa fi hubannoo nam-tolchee (AI) irratti invast gochuun sirna fayyaa Afrikaa hin jilbeeffannee fi of-danda’e ijaaruuf kutattuu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) sirna baninsa Konfiransii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa (CPHIA 2026) walta’iinsa Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhukkuboota Afrikaa (Africa CDC) fi Mootummaa Itoophiyaatiin Finfinneetti qophaa’e irratti argamuun haasaa taasisaniiru.
Haasaa isaaniitiinis, “Aadaa keenya keessatti nagaa gaafachuun hawwii fayyaa gaarii ibsuudha; haaluma kanaan gara Finfinnee teessoo Gamtaa Afrikaa fi Africa CDC taatetti baga nagaan dhuftan jechuun barbaada” jedhaniiru.
“Yaada Ida’amuutiin durfamuun, caasaa fayyaa keenya dhimmoota ijoo dursi kennamuuf sadii irratti jijjiiruu qabna” kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), isaanis wiirtuulee gahumsa yaalaa ijaaruu, oomishtoota Afrikaa gahoomsuuf bittaa waloo raawwachuu, akkasumas fayyaa dhukkubsattootaa irratti jijjiirama qabatamaa fiduuf itti gaafatamummaa cimaa mirkaneessuu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, “Itoophiyaan yaa’ii COP32 bara dhufu keessummeessitu irratti akka hirmaattan kabajaan isin affeerti. Bara dhufu wal haa arginu!” jechuun ergaa dabarsaniiru.