Search

Qormaatawwan hunda bira dabatee olka'iinsa barbaadamurra gahuudhaaf Itoophiyaan imala eegalteetti- Ahimad Shidee

ሰኞ ጳጉሜን 03, 2017 6

Qormaatawwan hunda bira dabarree olka'iinsa barbaannu irra gahuudhaaf Itoophiyaan imala eegalteetti jedhan Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee akka jedhanitti, riifoormiin waggoota 7 darban hojiirra oole dinagdee nageenya qabuu fi dorgomaa ta’e ijaaruuf bu’uura kan kaaheera.
Qaammee -3 Guyyaa Tarkaanfannaa kabajamaa jira.
Guyyaan kun milkaahinoonnii fi injifannoowwan waggootta toorban darban Itoophiyaatti galmaahan kan itti ilaalamanidha jedhan.
Haala kanaan dameewwan dinagdee ijoo ta’an qonna, Indaastirii, albuuda, galii walitti qabuu fi dameewwan biroon guddinni qabatamaan galmaahaa jira jedhaniiru.
Akka Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsaniitti , riifoormiin dinagdee guutuun biyyattiitti hojiirra ooluunsaa, rakkoolee akka qaala’insa gatii, raafama sharafa alaa fi dhiheessii fulla’insaan furuuf hojiileen garagaraa kan itti hojjetamanidha.
Haala kanaan bu’aalee gaarii guddina keenyaaf bu’ura ta’an argaa jirra jedhaniiru.