Barbaaduu

Waltajjiin Marii adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gahee murteessaa qaba - Hayyoota

Nov 09, 2025

Waltajjiin Marii adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gahee murteessaa qaba - Hayyoota

*******************************

Waltajjiin Marii adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gahee murteessaa qabaachuu hayyoonni himan.

Waltajjiin Marii Biyyaalessaa nagaa waaraa gabbisuuf bu’uura waan kaahuuf, haala sirrii ta’een itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hayyoonni EBC, FM Addis 97.1 waliin  turtii taasisan  beeksisan.

Rakkoolee adda addaa Itoophiyaa keessatti uummamanii turaniif aadaan siyaasaa duubatti hafaa gahee ol’aanaa akka qabu hayyoonni kunneen eeraniiru.

Waltajjiin Marii Biyyaalessaa rakkoolee mariidhaan furuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu keessatti gahee murteessaa akka taphatu  himan.

Aadaan siyaasaa Itoophiyaa dhimmoota karaa nagaa furuu caalaa walitti bu’iinsaa fi walii galuu dhabuutti akka geessu gochaa turuu, Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Dippiloomaasii  Indaalaa Nugusee dubbataniiru.

Waltajjii marii biyyaalessaa irratti rakkoolee jiran ifatti kaasanii mari’achuun, dhimmoota waloo irratti carraan waliigaltee uumuu bal’aan akka jirus himan.

Waltajjiin Marii Biyyaalessaa nagaa gabbisuudhaaf murteessaa ta'uu hubachuun lammiileen hunduu dammaqinaan hirmaachuu akka qabu barsiisaa Indaalaan dhaamaniiru.

Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaatti Miseensi Koree Gorsituu Admaasuu Gabayyoo (Pirofeesar) gama isaaniitiin, Waltajjiin Marii Biyyaalessaa waliigaltee uumuuf dandeettii guddaa waan qabuuf carraa kanattitti fayyadamuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Yaada keessan as irratti barreessaa.

Oduu Walqabatee: