Barbaaduu

Sirni Buttaa Qaluu Oromoo Karrayyuu maali?

Jan 04, 2026

Sirni Buttaa Qaluu Oromoo Karrayyuu maali?

************************

Oromoon Kaarrayyuu uummata sirna Gadaa isaa dhalootaa gara dhalootaatti dabarsaa yoonaan gahedha.

Uummata sirna bulchiinsaa kam keessattuu aadaa fi duudhaa isaa otoo hin laaffisiin eeggatee tursisee fi eeggataa jirudha.

Akkaatuma sirna Gadaatiin Oromoon Karrayyuu, jila Gadaaf qophii raawwatamu walduraa duubaani kan gaggeessu.

Baallii yookaan Alangee/Aangoo Gadoomaa/tuuta yookaan goggeessa tokkorraa kan biraatti dabarsuuf haal-duree garaa garaatu raawwatama.

Sana keessaa akkaataa duudhaa fi safuu isaa eeggateen godaansi gara/Tarree/ardaa jilaatti taasifamuu fi taateewwan achitti raawwataman isaan ijoodha.

 

Akkaataa sirna kanaatiin Oromoon Karrayyuu tibba darbe godaansa Gabalaa gaggeessuudhaan ardaa Tarree Leedii qubachuun kan yaadatamudha.

Godaansa kanaanis qophii garaa garaatu taasifama, Buttaa Qaluuf.

Ammatti Oromoon Karrayyuu tuunni Gadaa Michillee tuuta Gadaa Halchiisaaf Baallii waggoota lama booda dabarsuuf sirna raawwatudha, sirni Buttaa Qaluu kun.

Akka  sirna Gadaatti, gogeessi Gadaa Baallii of harkaa qabu waggaa lama dura sirna Buttaa qaluu raawwachuudhaan, gogeessa itti aanu baallii fudhatu qopheessa  yookaan goobsa.

 

Sirna Buttaa Qaluu kanaan tuuta yookaan gogeessa itti aanu goobsuuf sirnoota adda addaa raawwata.

Akka Oromoo Karrayyuutti sirna kanaan wantoonni ijoon armaan gadii hundi duudhaa fi safuu eeggachuudhaan raawwatamu;

A. Galma ijaaruudha:- Miseensonni Tuuta Gadaa amma baallii of harkaa qabu yookaan Michilleen, Gabalaa Baasoo Tarree Leediitti galmoota digdamatu ijaarrama, akkaataa gosa angafaa quxisuu isaaniitti.

B. Abbaa Galmaa:- Mataa maatii aangoo Gadaa Raabaa qabu yoo ta’u, yeroon isaa gaafa gahu Goobaa kennuuf Tarree irratti galmi ijaarramus maqaa aangoo isaatiin kan waammamudha yookaan mogga'udha.

C. Foduu Ijaaruu:- Guyyaaa sirni kun eegalu,  guyyaa 10ffaa ganamaa kaasanii Hiddii qopheessuun bitimaa karra loonii duubatti foduu ijaaru.

Foduun aangoon nagaa fi milkiin akka dabruuf mallattoo badhaadhinaa fi jiidhinaati jedhama.

D. Dukkan Duriisa:- Kunis Halkan jala bultii jedhamuun beekkama.

Erga Jiini/Adeessi goobanni darbee, dukkanni suuta seenuu isa jalqabaa waan ta'ef, "Dukkana isa Duraa" jedhameet waammama.

Halkan kun Sagalee sirba Hamayyoo (Faaruu fi Sirba dubartootaan) fi Dambaleen (Dhiirotaan), akkaumas bareedina uffata aadaatiin, ifaa galmoota fuul-duraa ifuun, halkan kun akka ifa aduutti miidhagee kabajama.

E. Gumaata:-  Hawaasni bakka adda addaatii gara jila Tarree kana dhaqus nyaataa dhugaatii garaa garaa kan akka Bachoo, Aannan, Dhadhaa fi kan biroo geessuun sirbaa fi faaruudhaan dabalamee bakka jilaatti imaluun tumsaan warra jilaa cinaa dhaabbata.

Waaree booda, Abbootiin Galmaa foduu irra taa’uun gumaachitoota simatu.

Akkaataa kanaan Buttaan Qalamee tuunni tokko tuuta itti aanuuf Baallii kennuuf qopheessa.

 

Sirni Buttaa Qaluu Oromoon Karrayyuu tibbana itti jirus  Muddee 26 fi 27, bara 2018 akkaataa Duudhaa fi Safuu isaatti raawwatamaa jira.

Sisaay Soorechaatiin.

Maddi: Maanguddoota Argaa Dhageettii.