Barbaaduu

Ayyaana Cuuphaa Magaalaa Baatuutti

Jan 17, 2026

Ayyaana Cuuphaa Magaalaa Baatuutti

*************************

Tuuriiziimiin qabeenya dilbii dinagdee biyya tokkoo ijaaruu fi maqaa gaarii biyyaa addunyaatti mul'isudha.

Naannoon Oromiyaa humna tuuriiziimii guddaa dinagdee biyya keenyaa sadarkaa ol’aanaaan utubuun karoora imala badhaadhina biyya keenyaaf humna guddaa ta'uun badhaatuudha.

Oromiyaan Gaarren ol ka’oo, Bosona Magariisaa, Lageewwan gurguddoo bonaa ganna yaa'an, Harowwanii fi Bineensota gosa adda addaa daawwatamanii hin quufamne hedduu kan yaa'insa tuuriistoota addunyaa biyya keenyaaf dabalan danuu fi sirna Gadaa madda diimokiraasii addunyaa, ayyaan Irreechaa simboo miidhagina garaa garaan faayame, ayyaanota garaa garaa kan hawwata tuuristoota biyya alaa fi keessaa daraan dabalan hedduu qabdi.

Naannoon Oromiyaa humna tuuriiziimii tuuriistoota biyya keessaa fi alaa hawwatu hedduun badhaatuu taatus xiyyeeffannoo dhabuun humna guddaa damee kanaan jiru dinagdeetti jijjiiruun jiruu fi jireenya hawaasichaa fooyyessuuf hojiin hojjatame laafaa ta'us, barii jijjiiramaa irraa eegalee damichi xiyyeeffannoo mootummaa argachuun iddoowwan hawwata tuuriiziimii ta'an hedduu adda baasuun misooma bu'uuraalee barbaachisu guutuun, hojiin beeksisaa akka hojjetamu gochuun bu'aawwan abdachiisaan argamuu danda'aniiru.

Damee kanaan hojii hanga ammaatti hojjatameen jiruu fi jireenya hawaasa naannichaa fooyyessuu akkasumas maqaa gaarii biyyaa gabbisuu bira darbee dinagdee naannoo fi biyyaa sadarkaa ol’aanaan utubuu eegaleera.

Magaalota akka biyyaattis ta'ee akka naannoo Oromiyaatti humna tuuriuziimii guddaa otoo qabanii dagatamanii turan keesaa magaalaan Baatuu ishee tokko.

Haata’u malee bulchiinsi magaalichaa waggoottan muraasa darban keessa xiyyeeffannoo damee tuuriiziimitiif kennee hojii hojjeteen, qarqara hara Dambal akka misoomu gochuun yaa'insi tuuriistoota biyya keessaa fi alaa gara magaalattii imalan yeroodhaa gara yerootti akka dabalaa dhufu taasiseera.

Harri Dambal Harawwan Sulula Qinxaamaa keessatti argaman keessaa tokko yoo ta'u, odolawwan adda addaa shan, manneen amantaa fi hambaalee amantichaa, Simbirroota ijaa fi qalbii namaa hawwatan gosa 200 ol, Qurxummiiwwanii fi Bineensota adda addaa of keessaa qabaachuun isaa, tuuriistoota biyya keessaa fi alaa hedduudhaan akka dawwatamuuf sababa ta'eera.

Kabajni ayyaana Cuuphaa waggaa waggaan qarqara Hara dambalitti gaggeeffamu tuuriistoonni biyya keessaa fi alaa hedduun gara magaalichaa akka imalaniif sababa guddaa kan ta'e yoo ta'u, kanaanis Taabotoonni hedduu ta'an manneen amantaa Odoolawwan irraa gara qarqara harichatti Bidiruudhan bishaanirra taasisan qalbii tuuriistoota hedduu hawwachuu danda'eera.

Haaluma kanaan bara kanas ayyaana Cuuphaa magaalichatti kabajamuuf keessummoota biyya keessaa fi alaa gara magaalichaa imalan haala simachuuf qophiin xumurameera.

Odeeffannoon kan BKOti