Barbaaduu

Faayyidaa Tarsiimoon "Dijitaal Itoophiyaa 2030" damee qonnaa irratti qabu

Dec 25, 2025

Faayyidaa Tarsiimoon "Diijiitaal Itoophiyaa 2030" damee qonnaa irratti qabu
************************************
Tarsiimoon "Dijitaal Itoophiyaa 2030" damee qonnaa ammayyeessuuf xiyyeeffannoo guddaa kenna.
Qonni utubaa dinagdee Itoophiyaa waan ta’eef, teeknooloojiin fayyadamuudhaan jireenya qonnan bultootaa fi guddina biyyaa mirkaneessuuf yaadamee kan qophaahedha.

Faayidaaleen ijoo damee qonnaa irratti qabu kanneen kan armaan gadiiti:
1. Odeeffannoo Wayitaawaa Argachuu
Teeknoolojiin dijitaalaa qonnan bultoonni odeeffannoo murteessaa ta’an laayyootti akka argatan taasisa:

Raaga haala qilleensaa: Yoom akka qotan, yoom akka facaasanii fi yoom akka sassaaban beekuuf gargaara.
Gabaa: Gatiin callaa gabaa irratti jiru hammam akka ta’e bilbilaan waan beekaniif, daldaltoota gidduu-seenuun akka hin buqifamne gargaara.
2. Qonna Ammayyaa
Siraa’ina Lafaa fi Biyyee: Teessuma lafaa fi dandeettii biyyee gosa sanyii adda addaatiif qabu xiinxaluun sanyii filatamaa fi Xaa'oo madaalawaa akka fayyadaman taasisa.
Diroonii: Diroonii fayyadamuun ooyiruu qonnaa gubbaadhaa asii gadi ilaaluudhaan dhukkubni yookaan ilbiisni yoo jiraate adda baasuu fi qoricha madaalawaa biifuuf gargaara.
3. Tajaajila Faayinaansii fi Inshuraansii
Liqii Salphaa: Qonnan bultoonni Eenyummeessa Dijitaalaa (Digital ID) waan qabaataniif, Baankota irraa liqii sanyii fi xaa’oo bitatan laayyootti argachuu danda’u.
Wabii Qonnaa: Sababa hongee yookaan lolaatiin callaan yoo jalaa bade, ragaa Satalaayitii irratti hundaahuun beenyaa hatattamaa akka argatan taasisa.
4. Walitti Hidhamiinsa Gabaa
Qonnan bultoonni omisha isaanii kallattiidhaan gabaa biyya keessaa fi alaatti akka gurguratan karaa marsariitii mijeessa. Kun immoo galii isaanii ni dabala.
5. Beekumsa fi Gorsa Qonnaa
Ogeessi qonnaa ooyiruu hunda deemee bira gahuu yoo dadhabellee, teeknooloojiin Viidiyoo, Ergaa Gabaabaa fi Aappiiwwan adda addaatii gorsa ogummaa qonnan bultoota hunda biraan gahuuf gargaara.


Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 keessatti damee qonnaa caalaatti ammayyeessuuf wantoonni dursa kennamaniif ijoon kanneen armaan gadiiti:
1. Sirna Odeeffannoo Qonnaa Giddu-Galeessaa
Mootummaan ragaalee qonnaa hunda (gosa biyyee, ragaa qilleensaa, baay'ina qonnan bultootaa) bakka tokkotti walitti qabuuf hojjeta. Kunis:
Mootummaan yoo hongeen muudachuu ta’e dursee akka qophaahu gargaara.
Xaa’ooni fi Sanyii filatamaa yoomii fi eessatti akka barbaachisu adda baasuuf gargaara.
2. Galmee Dijitaalaa Qonnan Bultootaa
Qonnan bultoonni hundi akka biyyaatti galmee dijitaalaa keessatti ni galamaahu. Kunis:
Gargaarsi mootummaa (Fakkeenyaaf Xaa'oon) kallattiin qonnan bulaa harka akka gahu taasisa.
Daldaltoonni seeraan alaa gargaarsa qonnan bultootaa akka hin hanqisne ittisa.


3. Kaampaaniiwwan Teeknooloojii Qonnaa
Dargaggoonni Itoophiyaa appilikeeshiniiwwan qonnaa akka uuman ni jajjabeeffamu. Fakkeenyaaf:
Appiiwwan dhukkuba biqiltootaa suuraan adda baasan.
Appiiwwan qonnan bultoota walitti hidhanii meeshaalee qonnaa (fkn. Tiraaktara) akka waliin kireeffatan taasisan.
4. Fayyadama Mirkaneessa Qulqullinaatiif
Keessumaa oomishaalee akka Bunaa teknoolojii kana fayyadamuun:
Bumni sun eessatti akka oomishenne, qulqullinni isaa akkam akka ta’e ragaan isaa gabaa addunyaatiif ifa akka ta’u godha.
Kun immoo gatii buna Itoophiyaa gabaa addunyaa irratti ni kenna.
5. Babal’isuu Interneetii Naannoo Baadiyaatti
Tarsiimoon kun hunda hojiirra oolchuuf mootummaan:
Interneetii fi humna ibsaa naannoo baadiyaatti babal’isuu qaba
Qonnan bultoonni bilbila ammayyaa gatii madaalawaan akka argatan gochuun dursa kennamuufi qaba.

Hayimaanot Kabbadaatu qindeesse