Barbaaduu

Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa COP32 akka keessummeessitu akkamiin filamte?

Nov 12, 2025

Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa COP32 akka keessummeessitu akkamiin filamte?

*****************************

Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa idil-addunyaa COP32 kan bara 2027 akka keessummeessitu filatamteetti.

Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirma Qilleensaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) bara 2027 akka keessummeessitu biyyoota Afrikaa irraa deeggarsa kan argatte yoo ta'u, hiree kana argachuuf dorgomaa kan turte Naajeeriyaadhaan moo'atteetti.

Itoophiyaan Yaa’ii idil-addunyaa UN guddaa kana keessummeessuu isheetiin carraa ajandaa kana qopheessuu fi bu'aawwan qophii kana keessatti gahee akka qabaattu ishee dandeessisa jedhameera.

Biyyoonni COP keessummeessan gahee pirezidaantummaa kan fudhatan yoo ta'u, kunis walgahii kanaaf galma kaa'uu fi dhimma jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun hojii fi ejjennoo mataasaanii agarsiisuu, akkasumas waldhabdee yeroo marii uummamu kamiyyuu furuu keessatti ejjennoo barbaachisaa ta'e qabaatu.

Yaa’ii COP32 bara 2027 Itoophiyaan akka keessummeessitu murteewwan COP31 eenyu akka keessummeessu ammallee murtee hin argatiin jira.

Kun ammoo sababa biyyoonni lama-Tarkiyyee fi Awustiraaliyaan irratti wal morkataa jiraniifidha.

Austiraaliyaadhaaf hireen COP31 keessummeessuu yoo kennameef Odola Paasfiik waliin qopheessuuf akka jirtu dubbatti.

Marii yaa’ii bara kanaa Biraazil keessatti taa’ame irratti, Itoophiyaan konfiraansi bara 2027 magaalaa Finfinneetti keessummeessuuf biyyoota Afrikaa birootiin akka filatamte mirkaneessuu ishee Reewutars gabaaseera.

 

Biraazilitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa, Li’uulsaggad Taaddasaa Ababbaa, yaa'ii COP30 taa’ame irratti argamuun, "uummataa fi mootummaa Itoophiyaa amanuu fi abdachuu keessaniif galata guddaa qabdu," jedhan.

Yaa’iin COP naannolee addunyaarra kan naanna'u yoo ta'u, murtoon kun biyyoota naannichaa hunda gidduutti sagalee tokkoon ta'uu qaba.

Yaa’iin bara kanaa Biraazil, magaalaa Beeleem keessatti taa’amaa jira.

Filannoon keessummeessitoota bara dhufuu garee "Awurooppaa Lixaa fi kanneen biroo" gidduutti falmiirra kan jiru yoo ta'u, Turkiyyees ta'ee Awustiraaliyaan anatu qopheessaarratti morkiitti jiru.

Awustiraaliyaan dorgommii COP31 ishee kan dhiheessite Odoola Paasifikii waliin ta'uun yoo ta'u, isaanis bakkeewwan jijjiirama qilleensaaf addunyaarratti baay'ee saaxilamoo ta'an keessaa tokkodha.

Pirezidantiin COP30 Kooriyaa Do Laagoo, biyyoonni garee Awurooppaa Lixaa keessa jiran dafanii akka furan Wixata darbe kana gaafataniiru.

Yoo furmaata argachuu hin dandeenye, yaa’iin kun (COP31) bakka dhaabbati jijjiirama haala qilleensaa UN itti argamu Jarman, magaalaa Boonitti taa’ama jedhan.

COP maali?

Waggaa waggaan yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa UN mata dureewwan dhibbaan lakkaawwaman kanneen addunyaa kana balaa jijjiirama haala qilleensaa irraa baraaruuf tattaaffii godhamurratti xiyyeeffachuun taa’ama.

Yaa’ii kun COP jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kunis Yaa'ii Dhaabbilee waliigaltee jijjiirama haala qilleensaa UN bara 1992 mallatteessani jechuudha.

Waliigaltichi ‘UN Framework on Climate Change Convention (UNFCCC)’ jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, biyyoonni jijjiirama qilleensaa ittisuuf akka waliin hojjetan waadaa ittiin waliif galanidha.

Rakkoon jijjiirma haala qilleensaa kan biyyoonni hundi akka muudatu beekamtii kennanii waliin furuun gaarii ta'uu irratti waliigalanidha.

Waliigaltichi seera bu'uuraa "itti gaafatamummaa waloo garuu adda baafame" jedhus kan qabu yoo ta'u, biyyoonni dureeyyii faalama qilleensaa sababa guddaa ta'uun akka ho'i Pilaaneetii dabalu taasian itti gaafatamummaa caalu akka qabaatan godha.

Itoophiyaan hongee, lolaa fi qormaata jijjiirama haala qilleensaa hedduun ishee mudatteera.

Kanaafis, kunuunsa naannoo fi lafa borqatee fi bosonni irraa manca'e deebistee magariisaan uwwisuuf waggoota darban keessa dhimmitee hojjechaa jirti.

Hiree COP32 keessummeessuu argachuun ishee ammo biyyoota Afrikaa jijjiirama haala qilleensaatiin baay'ee miidhamaniif sagalee akka taatu kan godhu yoo ta'u, muuxannoo addunyaaf ta'us dabarsuuf dandeessi jedhamee amanama.

Itoophiyaan kora COP32 akka qopheessituuf filatamuun, Afrikaadhaaf filannoon akka milkaa'ina dippilomaasii guddaa ta'etti fudhatameera.

Duraanuu Finfinneen wiirtuu dhaabbilee dhimmoota jijjiirama haala qilleensaa irratti karaa dhaabbilee kanneen akka Gamtaa Afrikaa fi UNECA kan taatedha.

COP32 keessummeessuun faayinaansii jijjirama haala qilleensaa, dandeettii dandamachuu, akkasumas ceehumsa haqaa biyyoota Afrikaaf dursa kennuu irratti xiyyeeffata jedhamee eeggama.

Mootummaan Itoophiyaa Shaampiyoonaa misooma magariisaa ta'ee, tarsiimoo "Dinagdee Magariisaa Haala Qilleensaa Dandamatu" fi Invastimantii anniisaa haaromfamuu danda'u, keessumaa humna bishaanii irratti taasifamu babal'isaa jira.

Odeeffannoon kan BBCti