Search

Chaayinaan injifannoo Waraana addunyaa 2ffaa waggaa 80ffaa agarsiisota waraanaa garaa garaatiin kabajaa jirti

ረቡዕ ነሐሴ 28, 2017 14

Chaayinaan ‎agarsiisicha irratti dirooniiwwan garba jalaa dabalatee teeknooloojiwwan fi miisaa'eloota haaraa guddummaa humna waraanaa ishee agarsiisan mul'isaa jirti.
Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinii fi hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun dabalatee hoggantoonni biyyoota garaa garaa saganticha irratti hirmaataa jiru.
Chaayinaan ‎waggaa 80 har'aa ture humna weeraraa Impeeriyaalistii Jaappaan kan injifatte.
‎Waraanni addunyaa 2ffaa Jarman Poolaand weeraruu hordofee akka eegalamedha seenan kan eeru.
Yeroo sunitti humni Impeeriyaalistii Jaappaanis Chaayinaa dabalatee biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa weeraraati kan ture.
‎Humna weeraraa Jaappaan yeroo sanaa Chaayinaa fi biyyoonni Kibba Baha Eeshiyaa ofirraa qolachaati kan turan.
‎Jaappaan weerara Kibba Baha Eesiyaatti raawwataa turtetti Ameerikaan danqaa akka hin taaneef jettee humna waraana galaanarraa Ameerikaa qarqara odola garba Paasifikiirraa qabduurratti haleellaa cimaa raawwatte.
‎Sana hordofeeti waraana addunyaa 2ffaa keessa harka otoo hin galfatiin kan turte Ameerikaan, aarii guddaadhaan waraanichatti makamtee Jaappaan haleeluu kan eegalte.
‎Boombii Niiwukilaraas yeroo jalqabaatiif fayyadamuun magaalota gurguddoo Jaappaan lamaan Hirooshimaa fi Naagaasaakii barbadeessite.
‎Jaappaanis saffisa ol'aanaadhaan injifatamtee mana isheetti deebite.
‎Biyyoota muraasarraa kan hafe addunyaan guutuunis humna weeraraa Jarmaniifi Jaappaan haleeluurratti waliigalee ture.
‎Akkasiin Jarmanis, Jaappaanis walduraa duubaan injifatamanii waraanni addunyaa 2 ffaanis goolabame.
Ababaayyoo Kafaniitu gabaase