Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinii Beejiingittii Pirezidaantii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waliin mari’atan.
Marii kana irratti Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaa cinatti gumaacha gumaataniif galateeffataniiru.
Loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaa fi Yukireen keessatti gootummaadhaan akka lolan dubbataniiru.
Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun, Puutiin loltoota Kooriyaa Kaabaa beekamtii kennuu isaaniif galateeffachuun, hariiroon biyyoota lamaanii cimee jira jedhan.
''Raashiyaadhaaf wanti ani gochuu danda'u yookaan gochuu qabu yoo jiraate akka dirqama obbolummaatti nan ilaala'' jechuun Kiim Puutiinitti himaniiru.
Waraana kanaan alattis, Kiim hojjettoota naannoo waraanaan miidhame Kurisk deebisanii ijaaruuf gargaaran erguuf waadaa galaniiru.
Kiim maatii loltoota Kooriyaa Kaabaa middamaniif deeggaruun siidaa yaadannoo isaaniif ni ijaarra jechuu isaanii BBCn gabaaseera.