Search

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ayyaanaa Mawuliidaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

ረቡዕ ነሐሴ 28, 2017 8

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ayyaana Mawuliidaa waggaa kuma 1f 500ffaan sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.
"Ayyaana hangafoota keenyaa kan kabajnu sababa fakeenyaa isaanii hordofnuufi" jedhan Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin.
"Maal akka hojjetan? Maal akka barsiisan? Maaltu akka isaan muudate? Qormaatawwan akkamiin akka ceehan? seenaa isaanii kaasuun irraa baranna" jedhan.
Ayyaana Mawuliidaas wayita kabajnu jireenya Nabiyyuu Mahammadirraa ni baranna, haalli isaan qormaatawwan itti ceehan nu jajjabeessa, barsiifata isaanii yaadachaa of madaalla jedhaniiru ministirri muummee.
Ayyaanni Mawuliidaa bara kanaa jala bultii ayyaana bara haaraan wal cinaa kabajama.
"Yeroon kun yeroo 'obsaa fi beekumsa caalaa wanti waliin qindoomuu qaban hin jiran' jecha Nabiyyuun jedhan yeroo nu yaadachiisudha jedhaniiru.
Yeroon kun yeroo Bayyanachuun Itoophiyaa itti dhugoome ta’uun ni beekama.
Uumaan dadhabbii keenya eebbisee, kadhannaa keenya dhagaheera.
Badhaadhinni Itoophiyaa akka dhugoomuuf akkuma Nabiyyuun jedhan beekumsaa fi obsa walitti fiduun ni imalla" jedhan.
Beekumsa ifa ta’een hogganaa, obsaan ammoo qormaatawwan ciminaan akka dabarru nu taasisa; kanas Nabiyyuu Mahammad irraa baranneerra jechuun ibsan.
“Otoo muka dhaabduu guyyaan murtii yoo gahe otoo addaa hin kutiin muka dhaabuu itti fufi” akkuma jedhan qormaatawwan heddummatanis, danqaawwan yoo baayyatanis hanga dhumaatti biyyaa fi uummata keenyaaf waan gaarii hojjechuu itti fufna jedhan ministirri muummee ergaa isaaniitiin.
Hojii gaarii caalaa lafaa fi waaqa irratti wanti nama kabachiisuu fi uummata fayyadu kan hin jirre ta’uus ibsan.
Barri 2018 dameewwan hundaan bara bayyanachuu Itoophiyaa itti cimsinu waan ta’eef hordoftoonni amantichaa Ayyaana Mawuliidaa kabajan hundi bara itti aanu hojii gaarii Allaah biratti daran jaallatamu akkamiin hojjechuu akka danda’an of qopheessuun akka kabajan abdii qabaachuu eeraniiru.
Ayyaanichi ayyaana gaarii akka ta’us hawwaniiru.