Dorgommiin Aartii biyyaalessaa 2ffaa Finfinneetti gaggeefmaa jira.
Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawiit Shanqaa, Aartiin waltajjii qofaaf otoo hin taane guddina biyyaa keessattis gahee ol'aanaa qaba jedhan.
Dameen Aartii imaammataan akka deeggaramu gochuuf wixineen sanadoota qophaahaa jiraachuu ibsaniiru.
Aadde Shawiit Shaanqaa dorgommiin Aartii kun walitti dhufeenya namoota gidduu jiru cimsuufis ni gargaara jedhaniiru.

Ministira Gorsaa Dhimma Hawaassummaa Ministira Muummee, Mu’aaza Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat, pirojeektoota gurguddoo biyyattii keessatti hojjetamaa jiran calaqqisiisuu keessatti ogeessota Aartii irraa hojiin guddaan eeggama jedhan.
Aartiin guddinaa fi badhaadhina biyya tokkoo keessatti gahee gudaa qaba kan jedhan Mu’aaza Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat, kalaqaa hedduu Hidhi Haaromsa Itoophiyaa Guddicha waliin walqabatan hojjetamuu akka danda’anis eeraniiru.
Dorgommii Aartii biyyaalessaa 2ffaa kanarratti Aartistoonni dandeettii qaban 300 ol hirmaachaa jiru.