Pirezidantiin Naannoo Soomaalee Obbo Musxafee Mohaammad dhimma misoomaa hawaasni kaasu furuuf Mootummaan yeroo kamuu caalaa ciminaan hojjechaa jira jedhan.
Pirezidaantichi Toogoo Wuchaaleetti ijaarasa hospitaala sadarkaa tokkoffaa fi mana barumsaa eegalachisniiru.
Obbo Musxafeen saganticha irratti akka ibasanitti, jiraattonni magaalaa Toogoo Wuchaalee kanaan dura dhimma bishaan dhugaatii, fayyaa fi bu’uuraalee barnootaa kaasuu isaanii yaadachiisun, bara 2017 piroojektiin rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii guutummaatti furu ijaaramee tajaajilaaf banamanii jiru.

Hospitaala sadarkaa tokkoffaa fi mana barumsaa sadarkaa 2ffaa yeroo gabaabaa keessatti ijaaramee tajaajilaaf banaa akka taa’anii fi kunis gaaffilee hawaasni kaasan deebisuuf mootummaan qophii ta'uu isaa qabatamaan kan agarsiisu ta’uu ibsani.
Itti Gaafatamaan Biiroo Fayyaa Naannichaa Doktar Muusee Ahimad akka jedhanitti, ijaarsi hospitaalichaa wal'aansa baqaqsanii yaaluu, kunuunsa haadholii fi daa'immaniif, tajaajila yaalaa argachuuf gara Jigjigaatti imaluu kan hambiiseedha.
Hogganaan biiroo barnootaa naannichaa obbo Mohaammad Sheek Adan gama isaaniin, mootummaan qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa fooyyessuuf ciminaan hojjechaa jira jedhaniiru.
Itti dabaluunis manni barumsaa sadarkaa lammaffaa Toogoo Wuchaaleetti baname mana kitaabaa, ICt fi laaboraatoorii of keessaa qaba jedhan.